Manneen Murtii Oromiyaa yeroo boqonnaa abbootii seeraa keessatti guutumaan guutuutti kan cufaman otoo hin taane gamiisaan banaa taasifamanii dhimmoonni mirga namoomaa, faayidaa uummataa fi mootummaa akkasumas ol\u2019aantummaa seeraan wal qabatan Abbootii seeraa dabareen seensisuun akka keessummeessan taasifamaa turee jira.Guyyaa borii kana immoo guutummaan guutuutti kan banaman ta\u2019u.
Carraa kanatti fayyadamuun Abbootiin Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa yeroo boqonnaa gaarii akka dabarsitan abdiin qabu ibsaa, yeroo boqonnaa keessan xumurtanii baga nagaan gara hojii idileetti deebitan jechuun barbaada.Ergama Heeraa fi seeraan Manneen Murtiitti kenname sirnaan bahachuuf gaheen keessan ol\u2019aanaa waan ta\u2019eef akkuma kanaan duraa itti gaafatamummaa guddaa isinitti kenname qixa sirriin bahachuuf miira tajaajiltummaa fi kaka\u2019umsa hojii horachuun tajaajila abbaa seerummaa kennuuf akka of qopheessitanin dhaama.
Bara 2019 kan adda isa godhu motummaan Naannoo keenyaa filannoo marsaa 7ffaa hordofee yeroo itti hundaa\u2019e ta\u2019uu isaa yammuu ta\u2019u, manneen murtii keenyas isa kana akka carraatti fayyadamuun tajaajiltummaa uummataa mirkaneessuuf tajaajila abbaa seerummaa si\u2019aayaa, dhaqqabamaa fi qulqulluu ta\u2019e karaa bu\u2019a qabeessa ta\u2019een kennuun amantaa uummataa caalmaan horachuuf harka wal qabannee socho\u2019uu kan qabnu ta\u2019uun dhaamsa koo dabarsa.
Uuummanni naannoo keenyaas wal dhibdee jireenya hawaasummaa keessatti isin muudachuu malu bu\u2019uura duudhaa Oromoo ganamaan akka hiikkatanniif gara manneen murtii Aadaatti akka geeffattan dhaamaa, kan sana irra drabe dhufe ammoo ragaa sobaa irraa bilisa karaa ta\u2019een haqaa fi haqa qofaan dhimma keessan qabattanii akka dhuftan ergaa kiyya dabarsuun fedha.
Gama biraatiin hojiin haqa mirkaneessuu qaama tokko qofaan kan galma gahu waan hin taaneef qaamoleen mootummaa fi mit-mootummaa dhimmi ilaallatu manneen murtii keenya waliin ta\u2019uun hojii haqaa fi ol\u2019aantummaa seeraa mirkaneessuu hojjatamuuf wal cinaa dhaabbannee akka wal utubnu waamicha dabarsaa keessumaa ammoo manneen hojii haqa mirkaneessuuf kallattiin itti gaafatamummaa qabdan; Abbaan Alangaa, Poolisii fi manneen sirreessaa gahee keessan bahachuuf qophii taatanii akka jirtan amantaan isin irraa qabu gamanumaan ibsuun barbaada.
Dhuma irrattis barri 2019 bara hojii milkaayaa hojjannee ol\u2019aantummaa seeraa fi haqa mirkaneessinu akka nuuf ta\u2019u hawwiin qabun ibsa.
Horaa Bulaa !!
Otukkannaa Odaa (PhD)
Pirezidaantii MMWO
Fulbaana 20,2019<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
A bed and breakfast (typically shortened to B&B) is a small lodging establishment that offers overnight accommodation and breakfast. Bed and breakfasts are often private family homes and typically have between four and eleven rooms, with six being the average.<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":2309,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[5],"tags":[8,11],"class_list":["post-47","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-meeting","tag-accommondation","tag-bed-and-breakfast"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/47","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=47"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/47\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2310,"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/47\/revisions\/2310"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/2309"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=47"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=47"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/sco.gov.et\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=47"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}