Mannen Murtii Aadaa
Manni murtii aadaa Oromiyaa maali? Dhimmoota akkamii ilaala? manneen murtii aadaa seera aadaatiin hojjatan akka hundaa’an kan tumame labsii Lakk. 240/2013 jalatti.
Barbaachisummaa jaarmiyaa kanaa, caaseffamaa fi akkaataa hojimaataa fi kaan irrattis waan odeeffanne akkasiin isinii dhiyeessina.
Maaliif barbaachise?
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa yeroo garagaraatti dhimma barbaachisummaa manneen murtii aadaa kan ibsaa ture yemmuu tahu, ergaa fuula Feesbuukii irratti dhiyeenya maxxanseen ”dhimma ofii jaarsummaan fixachuun qaroomina,” jedheera.
”Adeemsa keessa sirna Gadaaf bakka kennuu dhiisuun wal dhabdee isaa akka hiikuuf jecha gara Mana Murtiitti geeffachuun aadeffatame.
“Adeemsi falmii Mana Murtii wal xaxaa, yeroo kan fudhatu ta’uu irra darbee hawaasni yeroo qabu hojii guddinaa fi misoomaa irratti silaa dabarsuu qabu falmii Mana Murtiitti gaggeeffamuuf akka oolchu taasisa,” jechuun barreesse.
Bakka manneen murtii aadaa dhiyeenya kana itti hundeeffame keessa tokko kan taate magaalaa Shaashamanneetti, pireezidantii mana murtii magaalaa kan tahan Obboo Hirphoo Irreessoo ”duudhaa uummata Oromoo amma dura dhimma itti bahaa ture bakkatti deebisuuf kan kaayyeeffatedha” jedhu.
Gama kaaniin ammoo hawaasni qe’ee fi ollaasaatti baasii malee jaarsaafi aadaasaatiin jaarsummaan akka dubbii fixatu kan gargaarudha jedhu Obbo Hirphoon.
Sababni inni biraa ammoo dhiibbaa mana murtii idileerra jirus hambisuudha jedhu. ”Uummanni keenya garasitti kuufamee, galmee nutti baay’atu kanallee xiqqeessuudha,” jedhan.
Gama kaaniin ammoo ragaa sobaa balleessuuf ni gargaara jedhu. ”Jaarsi dhugaafi aadaadhaan kakachiisee dhimmasaa fixata. Araaraan yoo fixatu sobni hinjiru keessa, dhimmi sobaa hin baddi.”
”Dhugumtillee yoosan irra baati. Mana murtiitti ragaadhaan walfalmanii wal mo’atu. Kanaan ammoo jaarsaan taa’anii dhugaarratti hundaa’anii waan dubbataniif… namallee walitti fayyisa.”
Caasaan isaa maal fakkaata?
Dhaddacha mana murtii aadaa kanarratti kan taa’an eenyu fa’i jennee kan gaafanne Obboo Hirphoon, jaarsolii aadaafi safuu beekan akka tahan himu.
”Akka uumee sirna Abbaa Gadaatti jaarsolii aadaa, safuu fi afaan Oromoo beekan, akkasumas nama amma dura himatamee adabamee hin jirre tahuu qabu.
Dabaluunis nama jaarsummaan nama araarsuun beekamu, nama jaalatamaa fi qabeenya qabu akka tahes labsiirratti taahuu himu.
Kanneen dhaddacharra taa’anis namoota shanii gadi kan hin taane tahuu akka qabu kan ibsame yemmuu tahu, akka Aanaa Shaashamanneetti namoota torba torbaan gurmeessuu isaanii Obbo Hirphoon BBCtti himan. Namoonni kunniinis hawaasaan kan filaman akka tahanis himan.
Caaseffamni isaatis gandarraa kahee hanga sadarkaa olaanaa – ”Mana murtii Ol Dabarfataa” jedhamutti kan jiru tahuu walittii qabaa abbootii Gadaa Godina Arsii Lixaa Nageessoo Gammachuu Bariisoo dubbatu.
”Jalqaba gandatti ilaalama, achirra yoo darbe ol dabarfataan aanaa dhufa. Yoo kanarra darbe ammoo Gadaan dhaddacha ofii qaba, dhaddacha ofiititti erga.
Dhaddachi yoo dhaddabe… Qaallichatti itti kennee, saddeeta ofii itti baasee yoo kanaan dadhabe, Dalloo erga – Dallootu murtii dhumaa kenna,” jedhan.
Akka Abbaa Gadaa Nageessoon jedhanitti adeemsa sirna haqaa gama aadaatiin Oromoon qabu keessatti bakki Dalloo jedhamu kun gulantaa isa xumuraa tahuu himu.
Oromoon Kaabaa-Kibbaa, Bahaa-Dhihaa ‘Abbawoo Dalloo’tti walitti qabamuun murtee dhumaa argata jedhu. Bakki kunis Baalee, Odaa Roobaa Aanaa Gindhir keessatti kan argamu tahuu kaasu.
Dhimmoota akkamiifaa ilaala?
Akka Hirphoon jedhanitti manni murtii kun dhimmoota maatii (siviilii) hunda ilaaluu danda’a – keessattuu dhimmoota gaa’elaafi maatiif xiyyeeffannoo kennee hojjeta jedhu.
”Maatiin mana murtii deemanii yeroo waldiigaa oolantu jira. Sababa maatiin waldiiguun ammoo ijoolleen isaanii karaarratti hafti. Isa kana hambisuuf
Gama yakkaan ammoo dhimmoota ‘sasalphoo’ jedhamaniifi mootummaadhaan himannaan hin dhiyaanne ilaaluun akka araarsu kaasu.
Tajaajila kana akkamiin argatu?
”Namni tokko himannaa yookaan komii yoo qabaate, jaarsoleen guyyaa gaaddisa jala taa’antu jira. Gaaddisa kanatti dhiyaatee iyyatasaa galmeessifata,” kan jedhan Obboo Hirphoon namni himannaa dhiyeessuu yoo fedhe afaaniin, yookis barreeffamaanis dhiyeessuu danda’a jedhu.
Gara caalus namni himatu afaaniin waan isarra gahe jaarsoliitti himachuun akka ilaalamuuf gaafata. Jaarroleenis nama himatame sana yaamanii fedhiisaa gaafatu. ”Dhimmi kee jaarsolii araaraan akka sii xumuramu barbaaddaa?” jedhanii gaafatu.
Yoo waliigale, beellama qabatee dhiyaata. ”Dhaddachatti dhiyaatee deebii kennee walfalmuu otoo hin taane, akka aadaatti koratu jira, jaarsa murtii kennutu jira. Kan waakkatuus taanaan kakuun yookaan dhugoodhaan ilaaluun, ollaa, gosaafi fira itti baasu.”
Akka abbaa Gadaa Nageessoon jedhanitti manni murtii aadaa kun murteewwan adabbiis dabarsuu danda’a.
”Yakka himatameef yoo adabe qarshiin adabuu danda’u. Irra lufanii hojii humnaa hojjisiisuu danda’u. Yookaan ammoo dhiifama akka gaafatu godhuu danda’u.”