Daawwannaa Jila Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa
(Hagayya 9,2016 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Jilli Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa, Pirezidaantii mana murtichaa kabajamoo Obbo Alamaantee Aggidawuun durfamu Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti argamuun riifoormiiwwan kenna tajaajila abbaa seerummaa bu’a qabeesa taasisuuf manneen murtii Oromiyaa keessatti hojii irra oolaa jiran daawwataniiru.Sagantaa muuxannoo wal jijjiirraa kanaan dabalataanis Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar kan daawwatan yammuu ta’u, Kutaa Magaalaa Koyyee Facceettis argamuun sochii Manneen Murtii Aadaa daawwataniiru.
Miseensonni jilichaas riifoormiiwwan manneen murtii Oromiyaa keessatti hojii irra oolaa jiran keessattuu itti fayyadamni Teekinooloojii Quunnamtii Odeeffannoo fakkeenyummaa kan qabudha jedhanii muuxannoo Naannoo Oromiyaa fudhachuun Naannoo Amaaraattis haala wal dhibdeewwan karaa aadaa ilaalamanii furmaata argatan diriirsuuf kan hojjatan ta’uu himaniiru.
Jilichi Pirezidaantii fi Pirezidaantii Itti Aanaa Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa dabalatee miseensonni koree bulchiinsaa fi ogeessonni gara garaa hirmaataniiru.