Skip to content Skip to main navigation Skip to footer

Jilli Gaggeessitootaa…

(Fulbaana 9,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Jilli gaggeessitootaa fi ogeessota Mana Murtii Waliigalaa Mootummaa Naannoo Amaaraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti argamuun muuxannoo jijjiirraa taasiseera.Manneen Murtii Oromiyaa keessatti kenna tajaajila abbaa seerummaa si’ataa fi dhaqqabamaa akka ta’uuf hojii hojjatamaa jiru irratti ibsi  kennameeraafi.Miseensonni jilichaas riifoormiiwwan mana murtichaatiin diriiranii hojii irra oolaa jiran manneen murtii naannolee biroof fakkeenya kan ta’uu fi Manni Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraas muuxannoo Oromiyaa kana fudhatee hojii irra oolchuuf kan hojjatu ta’uu himaniiru.

Daayireektoreetii_Dhimmoota_Komunikeeshinii

★★★★★★★★★★★★★

የአማራ ክልል ጠቅላይ ፍርድ ቤት  ልዑካን የልምድ ልዉዉጥ

(መስከረም 9, 2017-ኦ/ጠ/ፍቤ/ት/ጨፌ አራራ/ፊንፍኔ)-የአማራ ክልል ጠቅላይ ፍርድ ቤት የአመራሮችና ባለሙያዎች ቡድን ኦሮሚያ ጠቅላይ ፍ/ቤት በመገኘት የልምድ ልዉዉጥ አድርጓል፡፡በኦሮሚያ ፍርድ ቤቶች የዳኝነት አገልግሎት አሰጣጡን ቀልጣፋና ተደራሽ ለማድረግ እየተተገበሩ ያሉ የቴክኖሎጂ ዉጤቶችን በተመለከተ ለልዑካን ቡድኑ ገለፃ ተደርጓል፡፡የልዑካን ቡድኑ አባላት በኦሮሚያ ክልል ፍርድ ቤቶች እየተተገበሩ  የሚገኙ  የሪፎርም ስራዎች ለሌችም ክልሎች ጥሩ ተሞክሮ እንደሚሆኑና የአማራ ክልል ፍርድ ቤቶችም እነዚህን ተሞክሮዎች ወስደዉ ለመተግበር እንደሚሰሩ ገልፀዋል፡፡