Skip to content Skip to main navigation Skip to footer

Waltajjiin Gamaaggama Raawwii Hojii Manneen Murtii Oromiyaa Walakkaa Waggaa Bara 2016 Goolabame.

(Guraandhala 6, 2016 MMWO, Finfinnee)-Gamaaggamni raawwii hojii Manneen Murtii Oromiyaa Walakkaa Waggaa guyyoota lamaaf magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture goolabameera.Xumura waltajjichaa irratti kallattii hojii kan kennan Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Kabajamoo Obbo Gaazaalii Abbaa Simal, ciminoota itti fufsiisuun hanqinoota mul’atan furuuf kurmaanota itti aananitti ciminaan hojjatamuu qaba jedhan.

Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo haala wal fakkaatuun Godinaalee hunda keessatti hojii irra oolchuun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuu qabna jedhan.

Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo haala wal fakkaatuun Godinaalee hunda keessatti hojii irra oolchuun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuu qabna jedhan.Gama biraatiin Manneen Murtii Aadaa cimsuun wal qabatee muuxannoowwan gaggaariin ijaarsa gaaddisaa gaggeessuu,gumaata walitti qabuu fi barreessitoota qacaruu bal’inaan godinaalee tokko tokko keesstti mul’ataa jiru godinaalee hunda keessatti babal’achuu qaba jedhan.Hawaasni Manneen Murtii Oromiyaa naamusa amalli hojii abbaa seerummaa barbaadu gonfatanii argamuu kan qaban ta’uu fi bakka hanqinni naamusaa mul’atetti araarama tokko malee tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu himan.

Gamaaggama…

Pirezidaantii Itti Aanaa MMWO, Kabajamoo Obbo Badriitamaam Umar gama isaaniitiin qulqullina kenniinsa tajaajila abbaa seerumnaa sadarkaa barbaadamu irraan gahuuf kallattii hundaan ciminaan hojjatamuu kan qabu ta’uu himaniiru.Manneen Murtii keenya gara waraqa maleessatti ceesisuuf karoora qabame milkeessuuf itti fayyadamni TQO daran cimuu qaba jedhan.Manneen Murtii Aadaa cimsuufis jaarsolee Manneen Murtii Aadaaf leenjii kennuu fi hubannoo hawaasaa cimsuuf bal’inaan hojjatamuu kan qabu ta’uu dhaaman.