Skip to content Skip to main navigation Skip to footer

Haqaaf Haqaan Hojjanna, Haqaaf Haqaan Koottaa !!

(Fulbaana 20,2019 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Adoolessa 21,2018 hanga Fulbaana 20,2019 yeroo boqonnaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa kan ture ta’uun ni beekama.Barbaachisummaan isaas abbootiin seeraa hojii ulfaataa fi dadhabsiisaa waggaa guutuu hojjacha turan irraa sammuu isaanii boqochiisanii miira haaraan hojiitti akka deebi’aniif kan yaadameedha.
Manneen Murtii Oromiyaa yeroo boqonnaa abbootii seeraa keessatti guutumaan guutuutti kan cufaman otoo hin taane gamiisaan banaa taasifamanii dhimmoonni mirga namoomaa, faayidaa uummataa fi mootummaa akkasumas ol’aantummaa seeraan wal qabatan Abbootii seeraa dabareen seensisuun akka keessummeessan taasifamaa turee jira.Guyyaa borii kana immoo guutummaan guutuutti kan banaman ta’u.
Carraa kanatti fayyadamuun Abbootiin Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa yeroo boqonnaa gaarii akka dabarsitan abdiin qabu ibsaa, yeroo boqonnaa keessan xumurtanii baga nagaan gara hojii idileetti deebitan jechuun barbaada.Ergama Heeraa fi seeraan Manneen Murtiitti kenname sirnaan bahachuuf gaheen keessan ol’aanaa waan ta’eef akkuma kanaan duraa itti gaafatamummaa guddaa isinitti kenname qixa sirriin bahachuuf miira tajaajiltummaa fi kaka’umsa hojii horachuun tajaajila abbaa seerummaa kennuuf akka of qopheessitanin dhaama.
Bara 2019 kan adda isa godhu motummaan Naannoo keenyaa filannoo marsaa 7ffaa hordofee yeroo itti hundaa’e ta’uu isaa yammuu ta’u, manneen murtii keenyas isa kana akka carraatti fayyadamuun tajaajiltummaa uummataa mirkaneessuuf tajaajila abbaa seerummaa si’aayaa, dhaqqabamaa fi qulqulluu ta’e karaa bu’a qabeessa ta’een kennuun amantaa uummataa caalmaan horachuuf harka wal qabannee socho’uu kan qabnu ta’uun dhaamsa koo dabarsa.
Uuummanni naannoo keenyaas wal dhibdee jireenya hawaasummaa keessatti isin muudachuu malu bu’uura duudhaa Oromoo ganamaan akka hiikkatanniif gara manneen murtii Aadaatti akka geeffattan dhaamaa, kan sana irra drabe dhufe ammoo ragaa sobaa irraa bilisa karaa ta’een haqaa fi haqa qofaan dhimma keessan qabattanii akka dhuftan ergaa kiyya dabarsuun fedha.
Gama biraatiin hojiin haqa mirkaneessuu qaama tokko qofaan kan galma gahu waan hin taaneef qaamoleen mootummaa fi mit-mootummaa dhimmi ilaallatu manneen murtii keenya waliin ta’uun hojii haqaa fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu hojjatamuuf wal cinaa dhaabbannee akka wal utubnu waamicha dabarsaa keessumaa ammoo manneen hojii haqa mirkaneessuuf kallattiin itti gaafatamummaa qabdan; Abbaan Alangaa, Poolisii fi manneen sirreessaa gahee keessan bahachuuf qophii taatanii akka jirtan amantaan isin irraa qabu gamanumaan ibsuun barbaada.
Dhuma irrattis barri 2019 bara hojii milkaayaa hojjannee ol’aantummaa seeraa fi haqa mirkaneessinu akka nuuf ta’u hawwiin qabun ibsa.
Horaa Bulaa !!
—————-
Otukkannaa Odaa (PhD)
Pirezidaantii MMWO
Fulbaana 20,2019