Sirna Wal Harkaa Fuudhinsa Hojii
(Fulbaana 19, 2019 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Duraa,Waggaa 1ffaa, Bara Hojii Caffee 7ffaa Fulbaana 18 gaggeesseen muudama kan kenneef Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Kab.Otukkanaa Odaa (PhD) fi Itti Aanaa Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oroniyaa Kab.Obbo Taaddasaa Qana’ii guyyaa har’aa Caffee Araaraatti argamuun hoggansa ol’aanaa duraanii Kabajamoo Obbo Gazaalii Abbaa Simal waliin wal harkaa fuudhinsa hojii gaggeessaniiru.Turtii isaaniitiinis miseensota koree bulchiinsaa Mana Murtii Waliigalaa waliin marii gaggeessaniiru.
–‑———————-
የሥራ ርክክብ ስነ ስርዓት
———————-—
(መስከረም 19 ቀን 2019፣ ኦ/ጠ/ፍ/ቤት፣ጨፌ አራራ፣ፊንፍኔ)-ጨፌ ኦሮሚያ መስከረም 18 ባካሄደው 7ኛው የሥራ ዘመን 1ኛ ዓመት የመጀመሪያ ስብሰባው የሾማቸው የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት ፕሬዝዳንት ክቡር ኦቱካና ኦዳ (PhD) እና ምክትላቸው ክቡር አቶ ታደሰ ቀነዒ በዛሬው ዕለት ጨፌ አራራ በመገኘት ከቀድሞ ፕሬዝደንት ክቡር አቶ ገዛሊ አባ ስመል ጋር የሥራ ርክክብ አድርገዋል።
በቆይታቸውም ከጠቅላይ ፍርድ ቤቱ የአስተዳደር ኮሚቴ አባላት ጋር ውይይት አካሂደዋል።







