Bulchiinsa sirna haqaa bu’a qabeessa taasisuu keessatti galmeessi siviilii murteessaa ta’uun himame. October 6, 2024 by admin in Meeting (Guraandhala 9, 2016 MMWO, Finfinnee)-Bulchiinsa sirna haqaa bu’a qabeessa taasisuu keessatti galmeessi siviilii murteessaa ta’uu obbo Oliyaad Yaaddessaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa ibsaniiru.Obbo Oliyaad kana kan jedhan waltajjii Galmeessa Siviilii irratti hubannoo uumu walta’iinsa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Ejensii Galmeessa Siviilii Oromiyaatiin magaalaa Adaamaatti qophaa’e irratti Galmeessi siviilii falmii manneen murtii keessatti gaggeeffamu haqa qabeessa taasisuuf kan gargaru yoo ta’u rakkoo ragaa sobaa hudhaa sirna haqaa ta’e ittisuu keessatti gahee kan qabu ta’uu himaniiru. Waltajjicha irratti argamuun barreeffama mariif ka’umsa ta’e kan dhiyeessan Obbo Mar’id Guddataa, Itti Aanaa Daayireektra Ol’aanaa Ejensii Galmeessa Siviilii Oromiyaati.Obbo Mar’id akka jedhanitti lammiileen tajaajila gara garaa argachuu akka danda’aniif, karoora misoomaa fi hawaas dinagdee karoorfachuuf akkasumas sirna haqaa si’ataa ta’e kennuuf galmeessi ragaalee murteessaa waan ta’eef hunduu kana beekee hojii irra oolmaa isaaf gahee isaa akka bahu dhaamaniiru. Waltajjii marii kana irratti miseensonni Koree Bulchiinsaa, Qindeessonni Dhaddachaa fi Gaggeessonni Dhimmaa akkasumas Pirezidaantonni Manneen Murtii Ol’aanaa hirmaataniiru.