Skip to content Skip to main navigation Skip to footer

Marii Hojii Irra Oolmaa Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa

(Guraandhala 7, 2016 MMWO Finfinnee)-Mariin Hojii Irra Oolmaa Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa magaalaa Adaamatti gaggeeffameera.Waltajjicha irratti barreeffamoonni lama (Hojii Irra Oolmaa TQO Manneen Murtii Oromiyaa fi Wixinee Sirna Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa) jedhuu fi ‘Web Site’ n Manneen Murtii Oromiyaa misoomaa jiru dhiyaatee mariin irratti gaggeeffameera.

Half of Life is lost in charming others. The other half is lost in going through anxieties caused by others. Leave this play, you have played enough.Rumi – Developer

Manneen Murtii Oromiyaa teeknooloojiiwwan Quunnamtii Odeeffnnoo tajaajila abbaa seerummaa si’oomsan, Iftoomina akka qabaatu taasisanii fi dhaqqabamummaa mirkaneessan bal’inaan hojii irra oolchaa kan jiran ta’uun barreeffamoota dhiyaatan irraa hubachuun danda’ameera.Teeknooloojiiwwan kunneen Godinaalee fi Aanaalee hunda keesaatti bifa wal fakkaatuun hojii irra oolchuun akka danda’amuuf sirna itti fayyadamaa fi bulchiinsaa isaa qopheessun barbaachisaa ta’uu fi wixineen qophaa’es kanuma kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Plan Your Project with Your Software

Waltajjii marii kana irratti miseensonni Koree Bulchiinsaa, Qinddeessitoonni Dhaddachaa, Gaggeessitoonni Dhimmaa fi Dursitoonni Garee Ofisaroonni Seeraa MMWO, Pirezidaantonni fi Gaggeessonni Kutaalee Hojii Manneen Murtii Ol’aanaa fi Pirezidaantonni Manneen Murtii Aanaalee hirmataniiru.